Skip to main content
Guyyaa gootota Oromoo kabajuun bakka guddaa qabata; seenaa, wareegama, fi injifannoo uummata keenyaa yaadachiisuudhaan dhalootaaf dhaamsa cimaa dabarsa. Guyyaa kana kabajuuf walitti dhufeenyi taasifame ulfinaa fi sirna guutuu qabaachuun gaggeeffame.Sagantaan kun eebba manguddootiin jalqabame. Manguddoonni keenya aadaa fi duudhaa keenya irratti hundaa’uun eebba isaanii nuuf kennuun saganticha bifa kabajaa fi safuu qabutti saaqan. Itti aansuudhaan, faaruun alabaa jechuunis sirboonni gootota yaadachiisan sirbaman; kunis hirmaattota hunda keessa kaka’umsa, boonsa, fi jaalala biyyaaf qaban daran jabeesse.Sagantaa keessatti yaadannoon gootota keenyaa haala bal’inaan taasifame. Wareegamtoonni keenya jechuun kan lubbuu isaanii bilisummaa saba isaaniif kennan kabajaa guddaadhaan yaadataman. Waltajjichi hogganaa Jaarmayaa ABO-WBO biyya alaa irraa saaqamuun sagantaan karaa sirrii fi kaayyoo ifaa irratti akka xiyyeeffatu taasise.Jaallan dirree qabsoo irraa argamanis saganticha irratti hirmaachuun haala yeroo ammaa, rakkoolee fi injifannoolee qabsoo, akkasumas dhaamsa jabaa uummataaf dabarsan. Dubbiin isaanii hirmaattota keessatti hubannoo fi kaka’umsa haaraa uume.Itti aansuudhaan, hundeessaan ABO seenaa guyyaa kanaa fi ka’umsa qabsoo Oromoo ilaalchisee bal’inaan ibsa kennuun dhalootaaf barnoota guddaa dabarse. Haaluma wal fakkaatuun, hayyoonni fi profeessaroonni Jaarmayaa ABO-WBO biyya alaa keessa jiranis dhaamsa isaanii barsiisoo fi kaka’umsa qabu qooduun hubannoo siyaasaa fi seenaa irratti ifa dabalan.Sagantaan kun keessatti gumaachi ajaa’iba WBO (Waraana Bilisummaa Oromoo) deeggaruuf taasifames taasifame. Kunis hirmaattota keessatti itti gaafatamummaa fi deeggarsa qabsoo cimsuuf murannoo uume.Dabalataan, walaloon bareedaa guyyaa gootota ilaalchisee qophaa’e dhiyaate. Walaloon kun gootota wareegaman faarsuun, isaanii gootummaa, obsa, fi jaalala sabaaf qaban bifa miidhagaadhaan ibse; onnee hirmaattota hunda tuqe.Xumura irratti, dhaamsi waliigalaa dabarfamuunEbla 17, 2026 akka guyyaa gootota kan Sana’aa, Yemenitti kabajamu waliif dhaamame. Sagantaan kunis eebba manguddootiin xumuramee, hirmaattotni hundi gammachuu, kabajaa fi murannoo haaraan gara mana isaaniitti deebi’an.Walumaagalatti, kabajaan guyyaa gootota Oromoo haala milkaa’ina guddaadhaan gaggeeffame kun, seenaa keenya tikfachuu, gootota keenya yaadachuu, fi qabsoo bilisummaa itti fufsiisuuf murannoo uummata keenyaa daran jabeesse.MiidiyaaWalabummaaOromiyaa
Home
Oromoo Nation Flag
Fincila Diddaa Garbummaa
OlF-OLA(ABO-WBO) Organization
UK Oromoo people demonstration on Ethiopia government
Oromia Health support
Qabsoo Bilisummaa Oromoo harkaa WBO jira.
MIIDIYAA WALABUMMAA OROMIYAA
Baga Ebla 15/2026 YGGO geessan!!
Oromoo Liberation Front—Oromoo Liberation army memorial Day April 15/2026!!
Ebla 15/2026 YGGO Baga geessan Oromoo!!